Fana: At a Speed of Life!

Obbo Dammaqaa Makonnin  Daayrektara Olaantuu Yuuniiseef  Kaatriin Raasil waliin mari’atan

Finfinnee, Eebila 20, 2014 (FBC) – Ittaanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Makonnin  Daayrektara Olaantuu Yuuniiseef  Kaatriin Raasil waajjira isaaniitti simachuun waliin mari’ataniiru.

Marii isaaniin haala Yuuniiseef hojiilee deeggarsa namoomaa fi misoomaa  Ityoophiyaatti hojjechaa jiru cimsee itti fufuu danda’urratti mari’achuu ibsameera.

Yuuniiseef daa’imman, barnoota, fayyaa fi hojiilee dhiyeessii bishaan dhugaatii irratti ga’ee olaanaa ba’achaa jiraachuu obbo Dammaqaan marichaan ibsaniiru.

Waraanni biyyattii keessa ture miidhaa namaa fi qabeenyaa cimaa qaqqabsiisuu ibsuun, hawaasa naannoo sanaa rakkoo tajaajila barnootaa, fayyaa fi bishaan dhugaatiif saaxiluu kaasaniiru.

Hongeen gaanfa Afrikaatti mudate Ityoophiyaatti namaa fi beelladootarra miidhaa guddaa qaqqabsiisuu eeruun, mootummaan hanga miidhaa hir’isuu fi balicha ittisuuf sochii bal’aa taasisaa jiraachuu himaniiru.

Daayrektarri Olaantuun dhaabbatichaa Kaatriin gamasaaniin, dameelee mootummaan xiyyeeffannoo kennurratti Yuuniiseef deeggarsa taasisuuf qophii ta’uu ibsuu isaanii ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.