Obbo Dammaqaa Makonniin hoggantoota mana amantaa Ortodoksii Tawaahidoo biyya alaa jiraatan waliin mari’atan
Finfinnee, Onkololeessa 16, 2014 (FBC)- Itti aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Makonniin hoggantoota mana amantaa Ortodoksii Tawaahidoo Ameerikaa fi Kaanaadaa jiraatan waliin mari’ataniiru.
Mar’ichi haala yeroo Ityoophiyaa fi yeroo qormaataa kanatti mootummaa fi manni amantichaa akkaataa itti qindoominaan hojjechuun danda’amurratti kan kaayyeffate ta’uu ibsameera.
Gocha badii gareen shororkeessaa ABUT Ityoophiyaa fi uummata Ityoophiyaarraan ga’aa jiru obbo Dammaqaan marichaan ibsaniiru.
Uummanni Ityoophiyaa hundi garee shororkeessaa kana irratti duuluuf tokko ta’uu fi waldeeggaruu akka qabu kaasaniiru.
Dhimma Ityoophiyaa ilaalchisee hoggantoota qajeelcha dhimma alaa, miseensota seeneetii Ameerikaa, fi miseensota Mana Maree Ameerikaa waliin irra deddeebiin marii garaagaraa taasisuu isaanii Mana Amantaa Ortodoksii Tawaahidoo Ityoophiyaatti Phaaphaasiin olaanaa kutaa lallaba Ameerikaa Kaabaa ibsuu isaanii ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.