Fana: At a Speed of Life!

Obbo Dammaqaa Makonniin gaanfa Afrikaatti ergamaa addaa Chaayinaa Shuu Biin waliin mari’atan

Finfinnee, Bitootessa 5, 2014 (FBC) – Ittaanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Makonniin gaanfa Afrikaatti ergamaa addaa Chaayinaa Shuu Biin waliin mari’ataniiru.

Gaanfa Afrikaatti ergamaan addaa Chaayinaa Shuu Biin Ityoophiyaatti daawwannaa hojii taasisuu ibsameera.

Turtiisaaniin obbo Dammaqaa Makonnin waliin haala hariiroo biyyoota lameenii daran cimsuun danda’amurrattii fi dhimmoota naannawaarratti mari’achuu ibsameera.

Chaayinaan gaanfa Afrikaa fi guutummaa ardichaatti nageenyi waaraan akka bu’uu fi badhaadhinni akka mirkanaa’uuf ga’een ba’attu cimee kan itti fufu ta’uu imbaasiin Chaayinaa ibsa Faanaa Broodkaastiing Korporeetiif ergeen ibsameera.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.