Fana: At a Speed of Life!

Obbo Dammaqaa Makkonniin Ambaasaaddar Turkii waliin mari’atan

Finfinnee, Gurraandhala 5, 2013 (FBC)- Itti aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Makonniin Ityoophiyaatti Ambaasaaddara Turkii Yaappaaraak Allapaa waliin mari’ataniiru.
Hariiroo cimaa biyyoota lamaan giddu jirurratti mari’ataniiru.
Obbo Dammaqaan duula olaantummaa seeraa kabachiisu naannoo Tigraayiin walqabsiisee mootummaan Turkii ejjennoo qabatee dinqisifataniiru.
Yeroo amma kanas mootummaan deeggarsa namoomaa qaqqabsiisuu fi deebisee dhaaburratti xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu ibsaniru.
Dhaabbileen deeggarsa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii 26 naannichatti bobba’uun deeggarsa laataa jiraachuu ibsaniiru.
Falla kanaatin ammoo qaamoleen odeeffannoo sobaa mootummaan deeggarsa dhorkeera jechuun tamsaasa jiraachuu ibsaniiru.
Invastimaantiin wal qabsiisee rakkoo abbootii qabeenyaa muudataa jiru furuuf sadarkaa federalaatti koreen hunda’uu himaniiru.
Obbo Dammaqaan mootummaan Turkii dhaabbilee shororkeessitoota ni deeggaru jedhaman karaa Ministeeraa Barnootaatin odeeffannicha kan qulqulleesuu yoo ta’u, Turkii waliin daldalaa fi invastimaniirrati xiyyeeffannoon akka hojjetamuu ibsa laataniiru.
Ityoophiyaatti Ambaasaaddara Turkii Yaappaaraak Allapaa, hariiroo cimaa biyyoota lamaan giddu jiruurratti ibsa laataniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.