Fana: At a Speed of Life!

Obbo Dammaaqaan Ministira Dhimma Alaa Tuurki waliin mari’atan

Finfinnee, Gurraandhala 8, 2013 (FBC) – Itti aanaan Muummee Mnistiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Makonniin Ministira Ministeera Dhimma Alaa Tuurki Meevuuluut Kaavuusoogiluu waliin mari’ataniiru.
Qaamoleen lameen har’a Tuurki Ankaaraatti haala hariiroo biyyoota lamaanii caalmaatti cimsuun danda’amurratti mari’ataniiru.
Obbo Dammaqaan walitti dhufeenya Ityoophiyaa fi Tuurki dinqisiifachuun, tumsii fi hariiroon tarsiimoo biyyoota lamaanii caalmaatti guddachuu akka qabu waamicha dhiyeessaniiru.
Hariiroo cimaa gama Invaastimantii, barnootaa fi aadaa biyyoota lamaanii jiru dameewwan biroon dabaluuf kan hojjetan ta’uu Ministiroonni lameen ibsaniiru.
Wadhabdee daangaa Ityoo – Sudaanii fi dhimmoota waqtaawaa biroorratti marii taasiisaniiru.
Hariiroon dippiloomaasii biyyoota lamaanii waggaa 125 kan lakkoofsiise yoo ta’u,guyyaa har’aa Imbaasiin Ityoophiyaa Tuurki Ankaaraatti ijaarrame eebbifamuu isaa ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Appilikeeshinii Faanaa Broodkaastiing Koorporeet https://play.google.com/store/apps/details… bilbila sochootuu keessanirratti fe’achuudhan Televiizhinii Faanaa, FM Finfinnee 98.1 fi Raadiyoo Biyyoolessaa hordofaa.
Viidiyoowwanis daawwadhaa.
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.