Obbo Binnaalfi dhimma godaansaa ilaalchisee Yaa’ii Ministirootaa Ugaandaatti qophaa’erratti hirmaachaa jiru
Finfinnee, Waxabajjii 8, 2015 (FBC)- Ministirri Ministeeraa Nageenyaa Obbo Binnaalfi Andu’aalam dhimma godansaa ilaalchisee Yaa’ii Ministirootaa Yugaandaatti qophaa’erratti hirmaachaa jiru.
Yaa’ichi Dhaabbataa Misoomaa Mootummootaa Baha Afrikaa fi Dhaabbata Hawaasummaa Baha Afriikaatiin kan qophaa’ee ta’uun himameera.
Yaa’ichi dhimma godaansaa fi furmaata isaarratti kan xiyyeeffate ta’uu Ugaandaatti ragaan Embaasii Ityoophiyaarra argame ni mul’isa.
Obbo Binnaalf yaa’ichaan duraa Ministiroota Biyyootaa Miseensaa Dhaabbilee lameenii waliin dhimmoota garaagaraarratti mari’achuun eerameera.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.