Fana: At a Speed of Life!

Obbo Binnaalf Anduwaalem adeemsa ijaarsa nageenyaa irratti Ityoophiyaatti Daayrektara Baankii Addunyaa waliin mari’atan

Finfinnee, Waxabajjii 30, 2014 (FBC) – Ministirri ministeera Nageenyaa Obbo Binnaalfi Anduwaalem adeemsa ijaarsa nageenyaa irratti Ityoophiyaatti Daayrektara Baankii Addunyaa waliin mari’ataniiru.

Obbo Binnaalf daayrektaricha waliin Ityoophyaatti ijaarsa nageenya waaraaf hojiilee hojjetamaa jiranirratti mari’ataniiru.

Adeemsa ijaarsa nageenyaarratti gadi fageenyaan kan mari’atanii fi adeemsa kana keessatti dhaabbatichi mootummaa Ityoophiyaa waliin walta’iinsaa fi tumsaan hojjechuuf fedhii qabachuu Ityoophiyaatti Daayrektarri Baankii Addunyaa Osmaanii Diiyoon ibsaniiru.

Fuuldurattis, pirojketootaa misoomaa fi sagantaalee biyyattii, faayinaansii fi teekinikaan deeggaruu fi ummataa fi mootummaa Ityoophiyaa cinaa akka dhaabbachuuf Baankiin Addunyaa qophii ta’uu ibsuu isaanii ragaan Ministeera Nageenyaarraa argamee ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.