Obbo Awwal Aarbaan DhMG ummata naannichaaf deeggarsa akka taasiisu waamicha dhiyeessan
Finfinnee, Gurraandhala 2, 2014 (FBC) – Preezdaantiin naannoo Afaar obbo Awwal Aarbaan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii dabalatee dhaabbileen idil addunyaa ummata naannichaaf deeggarsa akka taasiisan waamicha dhiyeessaniiru.
Jilli Preezdaantii FDRI Saahilawarq Zawdee fi Itti aantuu Barreessituu olaantuu Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Amiinaa Mahaammadiin durfamu Preezdaantii naannoo Afaar obbo Awwal Aarbaa fi bakka buutoota kutaalee hawaasaa waliin haala waqtaawarratti mari’ateera.
Gareen shororkeessaa ABUT yeroo ammaa aanaalee naannichaa 5 keessatti waraana banuu Preezdaantiin naannoo Afaar obbo Awwal Aarbaan ibsaniiru.
Lammiilee nagaarratti haleellaa raawwachaa jiraachuu kaasaniiru.
Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii dabalatee dhaabbileen idil addunyaa ummata naannichaaf deeggarsa namoomaa dhiyeessuu akka qaban gaafataniiru.
Ummanni Afaar biyyaaf wareegama guddaa kaffalaa jiraachuu Preezdaant Saahilawarq ibsaniiru.
Oolmaa ummanni naannichaa biyyaaf oolaa jiruuf galata dhiyeessaniiru.
Haala waraanichi dhaabbachuu danda’uu fi mariin nagaa akka gaggeeffamu kan hojjetan ta’uu Itti aantuu Barreessituu olaantuun Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Amiinaa Mahaammadiin ibsuu isaanii EBCn gabaaseera.
kutaalee waraanaan miidhamaniif deeggarsa namoomaa dhiyeessuuf kan hojjetan ta’uu dubbataniiru.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.