Fana: At a Speed of Life!

Obbo Ahimad Shiideen hoggantoota dhaabbata Maallaqa Addunyaa waliin mari’atan

Finfinnee, Onkololeessa 3, 2015 (FBC) – Ministirri Ministeera Maallaqaa Obbo Ahimad Shiideen Hoggantoota Dhaabbata Maallaqa Addunyaa waliin mari’ataniiru.

Walga’iin waggaa Baankii Addunyaa fi Dhaabbata Maallaqa Addunyaa Ameerikaa Waashingitan DC gaggeeffamaa jira.

Jilli Ityoophiyaa Obbo Ahimad Shiideen durfamu walga’icha cinaatti hoggantoota Baankii Addunyaa fi Dhaabbata Maallaqa Addunyaa waliin dhimmoota waloorratti mari’ateera.

Haala hariiroo Ityoophiyaa fi dhaabbilee kanneen gidduu jiru caalmaatti cimsuun danda’amurratti mari’achuu isaanii eerameera.

Akkasumas dhimmoota Liqaan walqabaturratti mari’achuu isaanii eerameera.

Hojiilee waloon hojjetamurratti deeggarsa teeknikaa fi tumsa taasiisuuf waliigalteerra ga’amuu ragaan Ameerikaatti Imbaasii Ityoophiyaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.