Fana: At a Speed of Life!

Obbo Ahimad Shideen Komishinara Walta’iinsa Idil Addunyaa Gamtaa Awurooppaa waliin mari’atan

Finfinnee, Fulbaana 22, 2016 (FBC)- Ministirri Ministeera Maallaqaa Obbo Ahimad Shideen Komishinaraa Walta’iinsa Idil Addunyaa Gamtaa Awurooppaa Juutaa Urpilaynan waliin mari’ataniiru.

Juutaa Urpilaynan daawwannaa hojii guyyoota lamaaf Finfinnee galaniiru.

Haaluma kanaan walta’iinsa gamlameenii fi dhimmoota naannawaarratti Obbo Ahimad Shidee waliin mari’ataniiru.

Hariiroo Itiyoophiyaa fi Gamtaa Awurooppaa caalmaan guddisuuf haalota dandeessisanirratti mari’ataniiru.

Gamtaan Awurooppaa Itiyoophiyaaf Sagantaa deeggarsaa damee hedduu Yuuroo Miiliyoona 650 ni ifoomsaan kan eegamu ta’uun ibsameera.

Koomishinar Juutaa Urpilaayinaan turtii isaaniin qondaaltota olaanoo mootummaa, Aanga’oota Olaanoo Gamtaa Afrikaa fi jilaa naannawaa waliin ni mari’atu jedhamuu TOI gabaaseera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.