Fana: At a Speed of Life!

Obbo Ahimad Shideen jila Ejensii Walta’iinsa Misoomaa Idil Addunyaa Chaayinaa waliin mari’atan

Finfinnee, Fulbaana 30, 2017 (FBC)- Ministirri Ministeera Maallaqaa Obbo Ahimad Shideen jila Dura Taa’aa Itti Aanaa Ejensii Walta’iinsa Misoomaa Idil Addunyaa Chaayinaa Zhi’oo Feengitaa’ooniin durfamu waliin mari’ataniiru.

Marii isaaniin Obbo Ahimad Shideen mootummaan Itiyophiyaa sagantaa fooyyessa diinagdee gooroo fudhaachaa jiruu fi bu’aalee baatiiwwan lamaan darban galmaa’an ilaalchisee ibsa kennaniiru.

Mootummaan Chaayinaas fooyya’iinsa diinagdee Gooroo taasifame hojiirra akka ooluuf tattaaffii taasifamu akka tumsu gaafataniiru.

Bu’uura hammattoo biyyoota miseensaa Garee 20’n yeroon kaffaltii idaa akka dheereffamuu fi Itiyoophiyaatti pirojektoonni hojjetamaa jiran deeggarsa faayinaansii hatattamaa akka argatan hubachiisaniiru.

Zhi’oo Feengitaa’oon gama isaaniin dhaabbanni isaanii pirojektootaa filaman hojiirra oolchuun Itiyoophiyaa waliin walta’iinsaan akka hojjetan mirkaneessaniiru.

Fuuldurattis, Akkaadaamii Hoggansaa Afrikaa, pirojektoota haarawaa, pirojektoota mootummaa fi dhuunfaa deeggaruuf akkasumas damee misooma namoomaan Itiyoophiyaa waliin akka hojjetan ibsuu ragaan Ministeera Maallaqaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.