Fana: At a Speed of Life!

Obbo Ahimad Shideen Ittaanaa Ministira Dhimma Alaa Chaayinaa waliin Mari’atan

Finfinnee, Guraandhala 18, 2015 (FBC)- Ministirri Ministeeraa Maallaqaa Obbo Ahimad Shideen Ittaanaa Ministira Dhimma Alaa Chaayinaa Deengi Lii Eel waliin mari’ataniiru.

Marii isaaniinis, hariiroo dippiloomaasummaa, diinagdee fi siyaasaa Ityoophiyaa fi Chaayinaa gidduurratti mari’ataniiru.

Obbo Ahimad Shideen, qajeeltoo fayyadamummaa waloo Ityoophiyaa fi Chaayinaa kan bu’uureffate michummaa tarsiimawaa hunda galeessa akka qaban kaasaniiru.

Ityoophyaan walta’iinsa chaayinaa waliin qabduu guddisuuf murannoo qabachuu kan kaasaan Obbo Ahimad fuuldurattis guddina waliigalaa galmeessuuf hariroo biyyootaa lamenii cimsuu barbaachisa jedhaniiru.

Deengi Lii Eel gama isaaniin, Ityoophiyaan michuu tarsiimawaa murteessituu fi Afrikaa keessaatti gahee olaanaa qabdu ta’uu himaniiru.

Biyyi isaanis waltajjii walta’iinsa Chaayina-Afrikaa fi hammattoo sagantaa ’Belt and Road’n hariiroo jiru caalmaan guddisuuf fedhii qabaachuu dubbachuu isaanii ragaan Chaayinaatti Embaasii Ityoophiyaarraa argame ni mul’isa.

Mootummaan Chaayinaa fayyadamummaa ummatoota biyyoota lameenii mirkaneessuuf Ityoophiyaa waliin tumsi cimaan akka jiru kaasaniiru.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.