Fana: At a Speed of Life!

Obbo Ahimad Shideen Dura Taa’ummaa Inisheetiivii Gaanfa Afrikaa Keeniyaarraa fuudhan

Finfinnee, Guraandhala 29, 2015 (FBC)- Ministirri Ministeera Maallaqaa Obbo Ahimad Shideen dura taa’ummaa Inisheetiivii Gaanfa Afrikaa Keeniyaarraa fuudhaniiru.

Walga’iin Ministiroota Maallaqaa Gaanfa Afrikaa har’a Naayiroobitti kan gaggeeffame yoo ta’u, bara darbe Inisheetiivii Gaanfaa Afrikaan hojiilee hojjetaman gamaaggameera.

Dabalataanis Afrikaa Bahaatti, jijjiirama qabeenya qilleensaa fi taateewwan hordofsiisan akkasumas dhimmoota biroorratti mari’achuu ragaan Ministeera Maallaqaarraa argame ni mul’isa.

Walga’icharratti kan hirmaatan Ministirri Ministeerichaa Obbo Ahimad Shideen, naannawaa gammoojiii naannawichaatti hongee ittisuuf damee bishaanii, qonnaa fi qabeenyaa beeyladaan hojiilee misoomaa eegalaman itti fufsiisuuf qaamolee tumsitootaa deeggarsa maallaqaa taasisan galateeffataniiru.

Naannawichatti tokkumaa diinagdee cimaa ijaaruuf deeggarsi biyyootaa fi dhaabbilee tumsitootaa barbaachisaa ta’uu kaasaniiru.

Xumura walga’ichaarratis Ityoophiyaan Dura Taa’umma Inisheetivii Gaanfa Afrikaa Keeniyaarraa fuuteetti.

#Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.