Fana: At a Speed of Life!

Obbo Ahimad Shideen Baankiin Misooma Afrikaa deeggarsa waaraa akka taasisuu gaafatan

Finfinnee, Guraandhala 19, 2016 (FBC)-Baankiin Misooma Afrikaa pirojektoota fulduraatti hojiirra oolaniif deeggarsa itti fufiinsa qabu akka taasisu Ministirri Ministeera Mallaqaa Obbo Ahimad Shideen gaafatan.

Obbo Ahimad Shideen, Daayrektara Biyyoota Baha Afrikaa Baankii Misooma Afrikaa Joonataan Nizaayikoreera waliin mari’ataniiru.

Marii isaaniin, Obbo Ahimad Shideen deeggarsa Baankichi Itiyoophiyaa fi Ardiichaaf taasisaa jiruuf galatteeffataniiru.

Akkasumas damee faayinaansii fi ijaarsa dandeettiin hojiilee hojjetamaa jiraniif deeggarsa baankichi taasisuuf galateeffataniiru.

Piroojektoota fuulduratti hojjetamaniif tumsaa taasisu cimsuu fi deeggarsa itti fufiinsa qabu akka taasisu Obbo Ahimad Shideen gaafataniiru.

Joonataan Nizaayikoreera gamsaaniin, baankichi bu’uuraalee misoomaa Itiyoophiyaaf, Bishaan, qonnaa Agroo Indaastirii akkasumas dhaabbiilee garaagaraaf deeggarsa taasisuu dubbataniiru.

Akkasumas baankichi fuulduraatti deeggarsa dhaabbilee mootummaa fi dhuunfaaf taasisurratti ibsa kennuu ragaan Ministeera Mallaqaarra argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.