Fana: At a Speed of Life!

Obbo Ahimad Shidee fi Ambaasaaddar Reedwaan Huseen Gamtaa Awrooppaatti jila addaa Afrikaa Bahaa waliin mari’atan

Finfinnee, Gurraandhala 12, 2014 (FBC)-Ministirri Ministeera Maallaqaa obbo Ahimad Shidee fi Ministir deetaan Ministeera dhimma Alaa Ambaasaaddar Reedwaan Huseen yaa’ii Gamtaa Awrooppaa fi Afrikaan cinaatti Gamtaa Awrooppaatti jila addaa Afrikaa Bahaa Dooktar Aniitaa Weebaar waliin Biraasilsiitti mari’ataniiru.

Marii isaaniin Ityoophiyaatti marii hundagaleessaa gaggeessuun nageenyi waaraan akka bu’uuf hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru.

Kutaa kaabaa Ityoophiyaatti deeggarsi namoomaa akkasumas qorichaa waliin ga’uuf hojiiwwan hojjetamaan irratti marii taasisaniiru.

Mootummaan Gamtaa Awrooppaa dabalate tumsitoota biroo waliin marii yerootti aanuu taasisuurratti xiyyeeffannoo laatee akka gaggeessuus kaasaniiru.

Wal jijjiirraan odeeffaanno waqtaawaa Ityoophiyaa fi Gmataa Awrooppaa gidduu jiru cimee akka itti fufuuf waliigalteerra ga’uusaanii ragaan waajjira dubbii himaa Ministeera Dhimmaa Alaarra argame ni muuldhisa.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.