Obbo Aganyahu Tashaagar Ityoophiyaatti bakka ba’uu sagantaa nyaataa addunyaa waliin mari’atan
Finfinnee, Qaammee 3, 2013 (FBC) -Preezdaantiin Naannoo Amaaraa obbo Aganyahu Tashaagar Ityoophiyaatti bakka ba’uu sagantaa nyaataa addunyaa Isteevan Oomaam Wooree waliin mari’ataniiru.
Weerara gareen shororkeessaa ABUT bane hordofee lammiileen kumni dhibbi 5 qa’ee fi qabeenya isaanirraa buqqa’uu fi lammiileen miiliyoonni 4 ol deeggarsa yeroo ariifachiisaa kan isaan barbaachisu ta’uu obbo Aganyahu ibsa taasiisaniiru.
Bulchiinsa Saba waag gumraa, Kaabaa Walloo, Goondar Kaabaa fi Kibbaatti lammiileen nagaa haala suukkaneessan ajjeeffamuu fi buqqa’uu isaanii himaniiru.
Sagantaan Nyaata addunyaa deeggarsa barbaachisu akka taasiisu waamicha dhiyeessaniiru.
Isteevan Oomaam Wooreen gama isaanii hamma miidhaa qaqqabee naanna’uun daawwachuu isaanii ibsaniiru.
Kaaba Walloo Daawuntii fi Bulchiinsa godina Saba Waag Gumraaf deeggarsa namoomaa konkolaattoota 14 qaqqabaa jiraachuu dubbachuu isaanii AMC gabaaseera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.