Fana: At a Speed of Life!

Obbo Agaanyaw Tashaagar Yaa’ii Aseekaarratti hirmaachuun Raabaat galan

Finfinnee, Gurraandhala 24, 2014 (FBC)-Af Yaa’iin Mana Maree Federeeshinii Obbo Agaanyaw Tashaagar Yaa’ii Aseekaarratti hirmaachuun Morookoo Raabaat galaniiru.
Yaa’icharratti Naayjeeriyaa, Burundii, Gibtsii, Mooritaaniyaa, Sudaan, Saa’ud Arabiyaa, Baahireen, Yaman, Jordaanii fi biyyoonni biroon kan hirmaatuu ta’uu ragaan Mana Maree Federeeshiniirra argame ni muul’isa.
Aseekaadhaan biyyoonni miseensa Afrikaa fi Arabaa hedduun haammatamuun isaanii ni yaadatama.
Yaa’ichaan ajandoolee hedduurratti mariin ni taasifamaa.
Yaa’icharratti Ityoophiyaa bakka bu’uun kan argaman Af Yaa’iin Mana Maree Federeeshinii Obbo Agaanyaw Tashaagaar haasawaa ni taasisuun eegama.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.