Fana: At a Speed of Life!

Obbo Adam Faaraahin Af yaa’ii mana maree federeeshinii ta’uun filataman

Finfinnee, Waxabajjii 3, 2012 (FBC) –Manni Maree Federeeshinii Obbo Adam Faaraahin Af yaa’ii Mana Maree Federeeshinii taasisuun filate.
 
Manni marichaa walga’ii guyyaa har’aa gaggeesseen itti aanaa preezdaantii naannoo Soomaalee duraanii Obbo Adam Faaraahin Af yaa’ii Mana Maree Federeeshinii taasisuun muudeera.
 
Gama biraan aadde Itsaganat Mangistuu itti aantuu af yaa’ii ta’uun filatamaniiru.
 
Manni marichaa lakkoofsi ummataa fi manaa sababa weerara vaayrasii koroonaan yeroo 2ffaaf akka dheeratu murteessera.
 
Gara fuul duraa weerarri vaayrachaa hir’achuu yookaa dhaabbachuun isaa yeroo mirkanaa’eetti lakkoofsi ummataa fi manaa waggaa 2 keessatti gaggeeffamu akka qabu murtaa’eera.
 
Dabalataan gaaffilee naannoo ta’uu godinaalee sabaaf sablamoota Kibbaarraa dhiyaachaa jiruuf Koreen Dhaabbii Hiikkaa Heeraa fi Dhimmoota Eenyumaa qorannoo dhiyaateen gabbisee murtoo dhumaa akka itti laatu manni marichaa murtee dabarseera.
 
Godinni Gafaa, Walayittaa, Daawuroo, Kambaataa Xampaaroo, Hadiyyaa, Gaamoo, Geedi’oo, Goofaa fi Oomoon Kibbaa gaaffilee naannummaa dhiyeessuu isaanii Korichi ibseera.
 
Tasfaayee Kabbadaatu gabaase.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.