Fana: At a Speed of Life!

Obbo Adam Faarahiin ergaa baga geessanii dabarsan

Finfinnee, Qaammee 6, 2015 (FBC) – Dursaa Itti Aanaan Pireezidaantiin Paartii Badhaadhinaa Obbo Adam Faarahiin bara haaraa 2016 sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarsaniiru.

Wayita Itiyoophiyaan guutinsa Bishaan Hidha Guddicha Haaromsaa marsaa 4ffaa milkiin xumurteetti ergaa baga geessanii bara haaraa dabarsuu kootti gammachuu addaatu natti dhaga’ama jedhan.

Barri darbe bara moofaa jedhamus bara milkaa’ina hedduu itti galmeessine ta’uu hubachuun barbaachisaa ta’uu kaasaniiru.

Bara haaraatti tokkummaa fi walummaan ummata Itiyoophiyaa caalmaatti cimsuun imalli badhaadhinaa eegalame akka mirkanaa’u humna oomishtummaa guddisuu fi dhaloota abdii boruu horachuuf tattaaffii ni taasiifna jedhan.

Barri haaraan bara gammachuu, badhaadhinaa, dhiifamaa, nageenyaa fi araaraa akka ta’u hawwaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.