Fana: At a Speed of Life!

Obbo Adam Faarahii fi obbo Dammaqaa Makonniin itti aantoota Preezdaantii Paartii Badhaadhinaa ta’uun filataman

Finfinnee, Bitootessa 3, 2014 (FBC) – Paartiin Badhaadhinaa yaa’ii jalqabaa gaggeessaa jiruun obbo Adam Faarahii fi obbo Dammaqaa Makonniin itti aantoota Preezdaantii paartichaa taasiisuun filateera.

Paartiin Badhaadhinaa yaa’ii 1ffaa gaggeessaa jiruun yeroo jalqabaaf itti aantoota Preezdaantii lama filateera.

Obbo Adam Faarahiin sagalee 1330,obbo Dammaqaa Makonniin sagalee 970 argachuun itti aantoota Preezdaantii paartichaa ta’uun filatamaniiru.

Paartiin Badhaadhinaa dhalatee yeroo gabaabaa keessatti paartii gara guddina olaanaatti imalaa jiruu fi yaa’ii kanaan guddinni Badhaadhinaa ijaa’ibsiisaa ta’e kan itti muul’ateedha jedhan obbo Dammaqaan.

Gochaa Abiyyiin, imala Dammaqaa fi daandii guddaa Addaamii fi Adamiin itti gaafatamummaa nutti laatame ba’uuf qophii taaneerra jedhan.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.