Fana: At a Speed of Life!

Obbo Adam Faaraahin Adeemsa ijaarsa Riizoortii Shabalee daawwatan

Finfinnee, Onkololeessa 2, 2017 (FBC) –Pireezidaantii Itti Aanaan Paartii Badhaadhinaa Obbo Adam Faaraahin qaama pirojeektii Maaddiin dhalootaaf kan ta’e adeemsa ijaarsa Riizoortii Shabalee daawwataniiru.

Obbo Adam toora Miidiyaa hawaasummaa isaaniin akka ibsanitti, Magaalaa Jigjigaarra fageenya Kiloomeetira 25 irratti kan argamu Riizoortiin Shabalee ijaarsi isaa erga eegalee baatiiwwan 10 lakkoofsiseera.

Riizoortiin kun mandara ammayyaa’aa 8, hidha namtolchee 3, daandii Aspaaltii Kiloomeetira 13, akkasumas Bishaan, Ibsaa fi bu’uuraalee misooma Teeleekoomii kan of keessaa qabu ta’uu ibsaniiru.

Pirojeektichi hawaasa naannichaaf carraa hojii uumuu fi magaalaa Jigjigaaf kaka’umsa uumuurraan darbe walitti hidhamiinsa diinagdee cimsuuf kan tajaajiluu ta’uus eeraniiru.

Piroojektichi wayita xumuramu biyyoota ollaa wajjiin bakka ga’umsa Tuurizimii ta’uu fi walitti hidhamiinsa ummataa fi Ummataa cimsuuf humna guddaa qabaachuu ibsaniiru.

Obbo Adam Hooggantoota Federaalaa,naannichaa fi dhaabbiilee ijaarsaa Piroojektichi yeroo qabameetti akka xumuramuuf hojjechaa jiran galateeffachuun, piroojekticha xumuruuf carraqqii taasisaan cimsanii akka itti fufan gaafataniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.