Obbo Adam Faaraah jila Paartii Koministii Kuubaa waliin mari’atan
Finfinnee, Amajjii 23, 2017 (FMC)–Pireezidaantii Itti Aanaa Paartii Badhaadhinaa fi Sadarkaa Ministira Muummee Itti Aanaatti Itti Gaafatamaan Giddugala Qindeessa Ijaarsa Sirna Diimookiraasii Obbo Adam Faaraah Miseensota Garee Jilaa Paartii Kominikestii Kuubaa waliin mari’ataniiru.
Maricharratti Obbo Adam akka jedhanitti, hariiroo seena qabeessaa Itiyoo-Kuubaa jiru yaadachiisanii, yeroo ammaa hoggantummaa Paartii Badhaadhinaan diinagdee, hawaasummaan fi dameelee garaagaraan Itiyoophiyaatti milkaa’inaalee hedduun galmaa’aa jiraachuu ibsaniiru.
Itiyoophiyaan biyyoota Afrikaa guddina saffisaa galmeessaa jiran keessa tokko ta’uu ibsanii, diinagdee ishees bara darbee %8.1’n guddachuu fi barana ammoo %8.4 guddisuuf karoorfamee hojjetamaa akka jiru kaasaniiru.
Paartichi badhaadhina Itiyoophiyaa milkeessuuf dameewwan shaniif xiyyeeffannaa kennuun hojjechaa akka jiru kan eeran Obbo Adam, keessumaa damee qonnaan oomisha qamadiin milkaa’inni olaanaan galmaa’uu dubbataniiru.
Dameewwan fayyaa, saayinsii fi teeknooloojiin hojiilee fooyya’oo hojjechuuf, Kuubaa waliin walta’iinsa jiru cimsuuf kan hojjetan ta’uu eeranii, biyyoonni lameen hariiroo fi fayyadamummaa waloo isaanii mirkaneessuuf kan hojjetamu ta’uu kaasaniiru.
Dursaan Garee Jilichaa fi Miseensi Koree Giddugaleessaa Paartii Koministii Kuubaa Yuudii Mersediis Hernaandeez gama isaaniin, yaa’ii 2ffaa Paartii Badhaadhinaa irratti Paartiin isaanii akka hirmaatu afeeramuuf galateeffataniiru.
Biyyattiitti, dameewwan invastimantii, dippiloomaasii fi kanneen biroon hariiroo isaanii cimsuuf dhimmoota dandeessisanirratti mari’achuu ibsu ragaan Paartii Badhaadhinaarraa argame ni mul’isa.
Hariiroo paartii fi paartii cimsuuf ummattoonni biyyoota lameenii seenaa waloo qabanii fi guddina isaanii cimsuuf hojiilee eegalan cimsanii akka itti fufan mirkaneessaniiru.
#Oromia #Ethiopia