Fana: At a Speed of Life!

Obbo Adam Faaraah Itiyoophiyaatti Ambaasaaddara Chaayinaa waliin mari’atan

Finfinnee, Mudde 14, 2017 (FMC)- Pireezidaantii Itti Aanaa Paartii Badhaadhinaa fi Sadarkaa Ministira Muummee Itti Aanaatti Itti Gaafatamaan Giddugala Qindeessa Ijaarsa Sirna Diimookiraasii Obbo Adam Faaraah Itiyoophiyaatti Ambaasaaddara Chaayinaa Chaan Haayin waliin mari’ataniiru.

Mariin isaaniis fayyadamummaa waloo bal’isuu, hariiroo dippiloomaasii biyyoota lameenii cimsuu fi filmaatawwan invastmantii bal’isuurratti kan xiyyeeffate ta’uun ibsameera.

Maricharratti Obbo Adam Faaraah, michummaa baroota dheeraa Itiyoophiyaa fi Chaayinaa daran cimsuun akka itti fufuuf Paartiin Badhaadhinaa xiyyeeffannaan hojjechaa jiraachuu, tumsi Paartii Komunistii Chaayinaas dabalaa dhufuu kaasaniiru.

Kanaan dura paartiileen lameen leenjii fi muuxannoo waljijjiirraa irratti hojjechuuf waliigaluus yaadachiisaniiru.

Fuuldurattis hariiroo paartii fi paartii sagantaalee leenjii fi muuxannoo waljijjiirraan cimee akka itti fufu fedhii Paartii Badhaadhinaa ta’uu ibsuu ragaan Paarticharraa argame ni mul’isa.

Ambaasaaddar Chaan Haay gama isaaniin Itiyoophiyaan michuu Chaayinaa cimtuu ta’uu kaasanii, hariiroon paartiilee lameen gidduu fi michummaa mootummaa jiru sadarkaa fooyya’aatti dagaagsuuf mootummaan isaanii ciminaan kan hojjetudha jedhan.

Kanaafis Itiyoophiyaan miseensa BRICS ta’uun carraa bal’aa kan uumu ta’uu ibsaniiru.

Waliigalteen Ankaaraas fayyadamummaa waloo biyyoota lameen gidduu akka mirkaneessu kaasaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.