Obbo Adam Faaraah Du’aa Boqochuu Obb Bulchaan gadda itti dhaga’ame ibsan
Finfinnee, Mudde 28, 2017 (FMC) –Pireezidaantii Itti Aanaa Paartii Badhaadhinaa fi Sadarkaa Ministira Muummee Itti Aanaatti Itti Gaafatamaan Giddugala Qindeessa Ijaarsa Sirna Diimookiraasii Obbo Adam Faaraahin du’aan boqoqchuu Obbo Bulchaa Dammaqsaan gadda itti dhaga’ame ibsaniiru.
Obbo Adam gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin,Seenaa siyaasaa Itiyoophiyaa keessatti Aadaan dimookiraasii akka dagaguuf qabsoo kara taasisuun kan beekaman Obbo Bulchaan boqochuutti gaddeera jedhan.
Maatiifi firoottaniif jajjabina hawwaniiru.