Fana: At a Speed of Life!

Obbo Adam Faaraah Bakka Bu’aa Paartii Komunistii Chaayinaa fi Itti Aanaa Ministira Barnootaa biyyatti waliin mari’atan

Finfinnee Onkololeessa 12, 2017 (FBC)- Pireezidaantii Ittaanaa Paartii Badhaadhinaa fi Itti Gaafatamaan Giddigala Qindeessaa Ijaarsa Sirna Diimookiraasii Obbo Adam Faaraah Garee Jilaa Bakka Bu’aa Paartii Komunistii Chaayinaa fi Itti Aanaa Ministira Barnootaa Biyyattii Wuu Yaaninaa waliin mari’atan.

Mariin isaaniis biyyoonni lameen hariiroo paartii fi paartii dabalatee hojiilee jijjiiramaa biyyoota lameenitti galmaa’anirratti kan xiyyeeffate ta’uun ibsameera.

Maricharratti Obbo Adam Faaraah akka jedhanitti, michummaa tarsiimawaa paartilee lameenii cimaa dhufe, fayyadamummaa waloo paartilee mirkaneessuuf gumaachaa olaanaa taasisaa jira.

Milkaa’ina riifoormii hunda galeessaa taasifamaa jiranirratti Paartiin Komunistii Chaayinaa gumaacha taasisuu eeraniiru.

Keessumaa damee barnootaan, Barnoota Leenjii Teeknikaa fi Ogummaa akkasumaas carraa barnootaa bilisaan hojii ijaarsaa dandeettii irratti gahee murteessaa bahachaa jiraachuu dubbataniiru.

Kunis bu’aa qabeessummaa michummaa tarsiimawaa paartilee lameenii kan argisiisuu ta’uu himan.

Wuu Yaan gama isaaniin michummaa tarsiimawaa Itiyoophiyaa waliin qaban cimsanii kan itti fufan ta’uu kaasaniiru.

Hariiroon paartilee lameenii cimee itti fufuu akka qabu ibsuun, waggoottan darban milkaa’ina jijjiiramaan galmaa’eef kutannoo hoggansi argisiise dinqisiifataniiru.

Mootummaan Chaayinaa fi Paartiin isaanii Itiyoophiyaa dabalatee biyyoota Afrikaa waliin hariiroo guddinaa fi badhaadhina waloorratti xiyyeeffate cimsuuf xiyyeeffannaan kan hojjetan ta’uu ibsuu ragaan Paartii Badhadhinaarraa argame ni mul’sa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.