Fana: At a Speed of Life!

Obbo Adam Faaraah Ambaasaaddara Chaayina waliin mari’atan

Finfinnee, Ebla 11, 2016 (FBC)- Itti Aanaan Pireezidaantii Paartii Badhaadhinaa Obbo Adam Faaraah Itiyoophiyaatti Ambaasaddara Chaayinaa Zhiiwoo Zhiiwaan waliin mari’ataniiru.

Marii isaaniin, dhimmoota garaagaaraarratti kan mari’atan yoo ta’u, fayyadamummaa waloo babal’isuuf, hariiroo dippiloomaasii biyyoota lameenii ciimsuuf, akkasumas filmaatawwan Invastimantii babal’isurratti bal’inaan mari’ataniiru.

Obbo Adaam Faaraah, michumma Itiyoophiyaa fi Chaayinaa waggoottan lakkoofsise caalmaatti cimuufi michummaan Paartii Kooministii Chaayinaa waliin jiru dagaagaa jiraachuu kaasaniiru.

Jilli qondaaltota olaanoo Paartii Badhaadhinaan durfamu imala gara Chaayinaatti taasiseen turtii bu’aa qabeessa taasisuu fi simaannaa taasisaniifis Obbo Adam Faaraah galateeffataniiru.

Ambaasaaddar Zhiiwoo Zhiiwaan gamasaaniin, Paartiin Badhaadhinaa Itiyoophiyaatti badhaadhina hundagaleessaa mirkanneessuuf hojiilee bu’aa qabeessaa hojjechaa jiru dinqisiifataniiru.

Itiyoophiyaan michuu jabduu Chaayinaa ta’u ibsuun, hariiroon kun paartii waliinis ta’e mootummaan cimee kan itti fufu ta’u himuu ragaan Paartii Badhaadhinaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.