Fana: At a Speed of Life!

Nyaata beeyladaa toonii miliyoona 39 walitti qabuuf hojjetamaa jira-BQO

Finfinnee, Sadaasa 4, 2016 (FBC)- Nyaata beeyladaa toonii miiliyoona 39 walitti qabuuf karoorfamee hojjetamaa jiraaachuu Biiroon Qonnaa Oromiyaa beeksise.

Biirichaatti daayrektarri Misooma Lafa Dheedumsaa, Kunuunsa fi Itti Fayyadama Nyaata Beeyladaa Obbo Shibbiruu Hordoffaa, hanqina nyaata beeyladootaa hambisuuf sadarkaa naannichaatti godinaalee 21, aanaalee 290 fi gandoota baadiyyaa 600 ol keessatti oomishamaa jirachuu ibsaniiru.

Lafa heektara miliyoona 6 irratti omisha nyaata beeyladootaa babal’isuuf hojjechaa jiraachuu dubbataniiru.

Sanyii nyaata beeyladootaa kuntala kuma 7 fi 900 ol qonnan bultootaf rabsuun lafti heektarri kuma 28 ol facaafamuu himaniiru.
Haaluma kanaan qonnan bultoonni kuma 135 fayyadamoo ta’u dubbataniiru.

Biirichi nyaata beeyladootaa toonii miliyoona 39 ol walitti qabuuf karoorfate hojjachaa jiraachuu eeruun, hanga ammattis tooniin miliyoonni 9 walitti qabamu ibsaniiru.

Hanqina nyaata beeyladaa sababa hongeettiin uumamu hambisuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuus akkeekaniiru.

Midhaksaa Qachaatu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.