Nyaanni madaalawaan lammiilee balaaf saaxilamaniif dhiyaatu dabaluun barbaachisaa ta’uu ibsame
Finfinnee, Bitootessa 9, 2015 (FBC)- Lammiilee balaa uumamaa fi namtolcheef saaxilaamaniif deeggarsi nyaataa madaalawaa dhiyaatu dabaluun murteessa ta’uu Koomishiniin Hoggansa Sodaa Balaa Ityoophiyaa beeksise.
Daa’imman, dubartoonnii fi maanguddoonni humna hinqabne naannawaa walitti bu’iinsaa fi hongeef caalmaan saaxilamoo ta’uun ibsameera.
Kanaaf, kutaalee hawaasaa kanneen yerootti nyaata madaalawaa dhiyeessuun barbaachisaa ta’uu Daayrektarri Quunnamtii Ummataa Obbo Dabbabaa Zawudee dubbataniiru.
Kutaa Kaabaa Ityoophiyatti walitti bu’iinsa mudateen walqabatee kutaaleen hawaasaa miiliyoona 1 fi kuma 286 fi 400 saaxilamoo ta’uu kaasaniiru.
Dhiyeessii deeggarsa namoomaa marsaa 2ffaan lammiilee balaaf saaxilamaniif nyaanni madaalawaan meetirik toonii kuma 5 fi 789 raabsamuu ibsaniiru.
Dhiyeessii nyaata maadaalawaa kanaas dabaluun akka barbaachisu ibsaniiru.
Malaakuu Gaddiftu gabaase
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.