Fana: At a Speed of Life!

Noorweey gahee Olaanaa Itiyoophiyaan tasgabbii Naannawichaaf taasisaa jirtu dinqisifatte

Finfinnee, Adoolessa 17, 2016 (FBC) –Noorweey gahee olaanaa Itiyoophiyaan tasgabbii Naannawichaaf taasisaa jirtu dinqisifatte.

Ministir Deetaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Misgaanuu Argaan Ministira Alaa Norweey Biyoorgi Seendar waliin mari’ataniiru.

Marii isaaniin hariiroo hundagaleessa biyyoota lameenii haalota caalmaatti cimsuun dandeesissanirratti mar’achuun ibsameera.

Akkasumas hariiroo cimaa biyyoota lameen giddu gama Fayyaan, Jijjirama Qabeenyaa Qilleensaan fi nageenyaaf tasgabbiin jirurratti mari’achuu ragaan Ministeera Dhimma Alaarra argame ni mul’isa.

Ambaasaaddar Misgaanuun, hariiroo hundagaleessa biyyoota lameenii caalmaatti guddisuun barbaachisaa ta’uu ibsuun, Abbootiin qabeenyaa Noorweey hojiilee invastimantii Itiyoophiyaarratti akka hirmaataniif waamicha dhiyeessaniiru.

Ministirri Dhimma Alaa Noorweey Biyoorg Seendar gamasaaniin, gahee Itiyoophiyaan tasgabbii naannawichaaf bahataa jirtu dinqisifataniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.