Fana: At a Speed of Life!

Niwuzlaand sababa weerara vaayrasii koroonaan filannoo dheereessite

Finfinnee, Hagayya 11, 2012 (FBC) – Muummeen Ministiraa Niwuzlaand Jacinda Ardern weerarri Covid-19 irra deebiin muul’achuu isaan filannoon torbee 4f akka dheeratu labsaniiru.
 
Biyyattiitti filannoon Fulbaana 19, 2020 gaggeeffamuuf ture Onkololeessa 17, 2020tti darbeera.
 
Yeroon filannoo dheerachuun isaa paartiileen siyyaasaa sagantaa isaanii haalaan akka qopheeffataniif kan gargaaru ta’u Muummen Ministiraa Niwuzlaand dubbataniiru.
 
Niwuzlaand weerara vaayrasii koroonaa to’achuu ishee beeksifte turte.
 
Haa ta’uutii guyyoota 100n booda weerarichi deebi’ee muul’achuu isaa himameera.
 
Sababa kanaan biyyattiin torbee darberraa eegaltee uggura sosochii ummataa labsiteerti.
 
Sosochiin ummataa daangeffamu isaa hordofuun paartiileen siyyaasaa biyyattii yeroon filannoo akka dheeratu gaafataa turaniiru jedhame.
 
Maddi:-BBC
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.