Niwkasil Yuunaayitid 2-1 Liivarpuul
Finfinnee, Bitootessa 7, 2017 (FMC) – Niwukaasil Yuunaayitid waggaa 57 booda waancaa waliin araarameera.
Tapha xumuraa Wancaa Kaarbaa’oo Ingiliz Niwuukaasil Yuunaayitid Liivarpuuliin 2:1 mo’achuun waancicha mo’ateera.
Galgala kana istaadiyeemii Wenbileeeyitti tapha taphataniin Daan Barni fi Alaksaandar Isaaq galchii Niwukaasil ittiin injifate lakkoofsisaniiru.
Federik Kiyeezaa ammoo galchii Liivarpuuliin mo’atamuu irraa hin baraarin lakkoofsiseera.
Tapha kanaan Niwukaasil to’annoo kubbaa fi carraawwan uumuutiin falmataa isaa irra caalee mul’ateera.
Bu’aa kana hordofees Niwuukaasil Yuunaaytid seenaa isaa keessatti yeroo jalqabaaf waancaa kaaraabaa’oo fudhateera.
Garichi yeroo xumuraaf waancaa kan argate ALAtti bara 1969, waggaa 56 dur ture.
Liivarpuul kanaan dura si’a 10 waancaa kana mo’achuun olaantummaa qabatullee, har’a kabaja wancaa Kaaraabaa’oo mo’achuun galmeessisaa ture kabajchiifachuu hindandeenye