Fana: At a Speed of Life!

Niijeer Paaspoortii dippilomaatota sirna duraanii waliin hariiroo qabu jetteen kuma 1 haqxe

Finfinnee, Fulbaana 4, 2016 (FBC)- Mootummaan Waraanaa Niijeer, Paaspoortii dippilomaatota sirna duraanii waliin hariiroo qabu jetteen kuma 1 haqxeetti.

Sanadoonni fi paaspoortiiwwan dippilomaatotaa haqamanis sirna bulchiinsaa mootummaa duraaniin aanga’ootaa olaanoo manneen hoji ministeerotaa fi dhaabbileeti jedhameera.

Akka gabaasaa ANP’tti Paaspoortii fi sanadni Pireezidaantii fi Muummee Ministiraa dabalatee miseensota paarlaamaa fi gorsitoota mootummaa duraanii haqameera.

Ministeerri Dhimma Alaa biyyattii gama miidiyaa hawaasummaa isaan beeksisa baaseen paaspoortiiwwan kunneen baduu beeksiseera.

Paaspoortiiwwan mootummaa duraaniin kennamaan keessaa 50 lammiilee Ameerikaa, Ingiliiz, Faransaay, Liibiyaa, Turkii akkasumas Lammiilee Afrikaa Lixaa biroof kan kennaman ta’uun himameera.

Pireezidaantiin duraanii Niijeer Mahaammadi Baazum bara Faranjootaa Adoolessa 26 aangoorraa erga fonqolfamanii eegalee hidhaa manaa keessaa jala jiraachuun ibsameera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.