Fana: At a Speed of Life!

Niijariif dhimma hidha haaromsaarratti ibsi taasiifame

Finfinnee, Eebila 28, 2013 (FBC) – Miseensa Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii kan taate Niijariif dhimma hidha haaromsaarratti ibsi taasiifame.
Preezdaantiin FDRI Saahilawarq Zawdeen dhimma Hidha Haaromsa Guddichaa fi haala yeroo naannoo Tigraay irraatti Preezdaantii Niijar Mahaammad Baazoom waliin mari’ataniiru.
Ministirri Bishaan Jallisii fi Inarjii Dooktar Injinar Silashii Baqqalaa dhimma hidha haroomsa ilaalchise ejjannoo Ityoophiyaa irratti ibsa laataniiru.
Niijar biyyoota miseensa Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii keessaa ishee tokkoodha.
Manni Maree Nageenyaa dhimmi hidha haaromsaa fi duula olaantummaa seeraa mirkanneessuu naannoo Tigraayitti gaggeeffame ilaalchisee irra deddeebiin yaadoota garaagaraa kaasaa turuun isaa kan yaadatamuudha.
Preezdaantiin FDRI Saahilawarq Zawdeen turtii Niijaritti taasiisaniin Ityoophiyaa ilaalchisee dhimmoota mana marichaarraa ka’aniif Niijar hubannoo fooyya’aa akka argattu taasiisaniiru jedhame.
Ministirri Dhimma Alaa Sudaan Dooktar Mariiyem Alsaadiiq Almahidiin tibba darbe dhimma Hidha Haaromsaarratti hoggantoota Afrikaa garaagaraa waliin marii taasiisuun isaanii kan yaadatamuudha.
Haaluma walfakkaatuun Ministirri Dhimma Alaa Gibtsi Saamii Shukriin gama isaaniin biyyoota Afrikaa garaagaraatti imaluun ejjennoo biyyi isaanii dhimma Hidha Haaromsaarratti qabdu ibsa taasiisaa turaniiru.
Ityoophiyaanis haqaa fi ejjennoo Hidha Haaromsa Guddichaarratti qabdu ilaalchisee hubannoo laachuu cimsitee kan itti fuftu ta’uu ragaan Waajjira Preezdaantii FDRI irraa argame mi agarsiisa.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.