Fana: At a Speed of Life!

Niihoon Hiidaankaayoo badhaasa Noobeelii Nageenyaa 2024 injifate

Finfinnee, Onkoloolessa 1, 2017 (FBC)- Haleellaa boombii Hiirooshimaa fi Nagaasaakii irraa lammiilee jaappaan lubbuun baraaramaniin kan hundeeffame Waldaan Niihoon Hiidaankaayoo badhaasa Noobeelii Nageenyaa 2024 injifate.

Waldichi maqaa ‘Hibaakuushaa’ jedhamuun kan beekamu yoo ta’u boombiin niwukilaraa irraa deebiin akka faayidaarraa hinoollee hojjechaa kan jiruudha.

Koreen badhaasa Noobeelii wayitaa badhaasicha ifoomsetti waldichii addunyaa meeshaa niwukilararraa qulqulloofte uumuuf taattfii taasisuun cinaatti boombiin niwukilaraa irraa deebiin akka faayidaarraa hinoolleef ragaa bahaa jiraachuu ibseera.

Korichi damee badhaasa Noobeelii Nageenyaan namoota dhuunfaa 197 fi dhaabbilee 89 waliigalaan kaadhimatoota 286 dhiyeessuun ibsameera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.