Fana: At a Speed of Life!

Neeppaalitti Balaa Kirkira Lafaa mudateen lubbuun namoota 150 olii darbe

Finfinnee, Onkololeessa 24, 2016 (FBC) –Lixa Neeppaalitti Balaa Kirkira Lafaa mudateen lubbuun namoota 150 olii darbuu dhaga’ame.

Balaan kun magaalota Jaajaarkootii fi Ruukuum jedhaman magaalaa guddiittii biyyattii Kaataamaandurraa fageenya Kiiloo Meetira 500 irratti argamanitti ta’uy ibsameera.

Kirkirichi maagniitiiyuudii 5.6 galmeessuu eerameera.

Ministirri Muummee biyyattii Puushippaa Kaamaal Dahaal naannolee miidhaan itti qaqqabe daawwachuun hojiin lubbuu baraaruu xiyyeeffannoo addaan hojjetamuu akka qabu ajaja laachuu BBCn gabaaseera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.