Fana: At a Speed of Life!

Needamkoo Kaappitaal dargaggoota kuma 10 gara hojiitti galchuuf fedhii akka qabu ibse

Finfinnee, Muddee 29, 2012 (FBC) – Dhaabbanni Teeknooloojii Nezarlaandiis Needamkoo Kaappitaal jedhamu Ityoophiyaatti damee teeknooloojiin dargaggoota kuma 10 leenjisuu fi gara hojiitti galchuuf fedhii akka qabu beeksise.

Ministirri Saayinsii fi Barnoota Olaanoo Profeesar Hiruut Waldamaariyaam bakka bu’oota Needamkoo Kaappitaal waliin mari’ataniiru.

Dhaabbatichi keesumattuu kaffaltii Kilaawudii fi bilbila sochootuu (moobayila) damee teeknooloojiirratti dargaggoota kuma 10 leenjisuu fi gara hojiitti galchuuf qophii qabu ibseera.

Ministeerri Saayinsii fi Barnoota Olaanoo galma ga’insa karoora Needamkoo Kaappitaaliif waliin hojjechuuf qophii ta’uu beeksiseera.

Needamkoo Kaappitaal biyyoota 55tti dameewwaan sooftiweerii, eegumsa fayyaa fi teeknooloojirratti bobba’ee jira.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.