Fana: At a Speed of Life!

NATO’n Raashiyaa waliin waraana keessa seenuu amaneera-Meedveedeev

Finfinnee, Onkoloolessa 2, 2015 (FBC) – Dhaabbanni Waadaa Waraanaa Atilaantik Kaabaa (NATO) Raashiyaa waliin waaraana keessa seenuu Barreessaan NATO Yoonsii Istoltanbarg kallaatti biraan amanuu isaanii Pireezidaantin Raashiyaa Duraanii Dimiitiri Meedveedeev ibsan.

Dhimmicha ilaalchisuun ibsi Istoltanbarg kennaan, “Raashiyaan waraanicha yoo injifatte NATO’f mo’amuudha” jechuun isaanii ni yaadatama.

Ministirri Muummee Duraanii Noorwey Yoonsi Istoltanbarg yaadaa gaazexeessitootaaf kennaniin ministiroonni biyyoota miseensota NATO Ministiraa Ittisaa Yuukireen Aleeksi Reeznikoov waliin walarguuf qophiirraa jiraachuu RT’n gabaaseera.

Meedveedeev, “Waahilli qajeelaan lammii Noorweey dhumarratti dhugaa jiru amaneera” jedhan.

Ministiroonni kunneen walga’ii har’aa gaggeessaniin dhimmoota birootti dabalataan dhimmoota loltoota Yuukireen deeggaruun waraana Raashiyaa injifachuun dandaa’amurratti akka mari’atan ibsameera.

Biyyoonni miseensota NATO deeggarsa waraanaa Doolaara biiliyoonaan lakkaa’amu Yuukireenitti akka ergan ibsuun isaanii ni yaadatama.

Fuuldurratti “Fedhiiwwan dhiyeessii loltummaa hatattamaa” Yukireen guutuun akkamiin akka danda’amuu fi kuusaa meeshaalee waraanaa mataa isaanii akkamiin akka guddisanirratti ni mari’atuun eegama.

Istoltanbargi, akkaataa Yuukireen gaafatteen biyyoota miseensotarraa deeggarsa humna qilleensaa, misaa’elaa akkasumaas meeshaalee waraanaa ammaaya’oo biroon ni dhiyaataaf jedhaniiru.

Biyyoonni miseensota NATO, Yuukireen waraanicha injifachuu qabdi jedhanii kan amanan yoo ta’u, kana mirkaneessuuf deeggarsa haamilee, siyaasaa fi tikaa taasisaa jiraachuu dubbataniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.