Fana: At a Speed of Life!

NATOn qocholaa naannawaa Eeshiyaa Paasifikitti taasisurraa akka of qusatu Chaayinaan akeekkachiiste

Finfinnee, Eebila 21, 2014 (FBC) –  NATOn Awurooppaa naannawaa walitti bu’iinsaa taasisuurra darbee qocholaa naannawaa Eeshiyaa Paasifikitti taasisurraa akka of qusatu Chaayinaan akeekkachiiste.

Chaayinaan dhaabbatichaaf akeekkachiisa kana kan laatte, “Walitti bu’iinsa naannawichatti mul’atu injifannoon goolabuuf dandeettii NATO guddisuun barbaachisaadha” jechuun  Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Ingiliz Liiz Tiras ergaa biyyoota miseensota dhaabbatichaaf dabarsan hordofee ta’uu ibsameera.

Raashiyaa diinagdee fi dameewwan biroon biyyoota addunyaa biroorraa adda baasuuf biyyoonni qindoominaan hojjechuu akka qabanii fi Chaayinaanis akkaataa seera idil addunyaatiin hogganamuu akka qabdu Ministirichi yaadachiisaniiru.

Dubbii Himaan Ministeera Dhimma Alaa Chaayinaa Waang Wanbiin gamasaaniin, NATOn birmadummaa biyyootaa sarbuurra darbee haleellaawwan garaagaraa raawwachuun lammiilee nagaa ajjeesaa jiraachuu ibsaniiru.

Yeroo dhiyoo as NATOn gara naannawaa Eeshiyaa Paasifikitti imaluun qocholaa waraanaa taasisaa jiraachuu eeraniiru.

Dhaabbatichi Awurooppaa naannawaa waraanaa taasisaa jiraachuu fi naannawaa Eeshiyaa Paasifikitti walitti bu’iinsa hin malle kaasuuf socho’aa jiraachuu ibsuu isaanii “The Guardian” gabaaseera.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.