Namoota dhuunfaa mootummaarratti miidhaa Birrii miiliyoona 33 olii qaqqabissanirratti himanni baname
Finfinnee, Bitootessa 11, 2015 (FBC) – Magaalaa Finfinneetti namoota qabiyyee lafaa kaaree meetira kuma 1 fi 785 Qonnaan Bultoota kaafamtoota misoomaa jechuun sanada sobaan namoota 30f laachuun mootummaarratti kasaaraa Birrii miiliyoona 33 fi kuma 13 ol qaqqabissanirratti himanni yakka malaammaltummaa banameera.
Dhaddacha yakka Malaammaltummaa ramaddii 5ffaa Mana Murtii Olaanaa Lidataatti himanni banamuu himameera.
Ministeera Haqaatti Abbaan Alangaa Daayrektoreetii dhimmoota Yakka Malaammaltummaa namoota 85 ta’anirratti sadarkaa hirmaannaa isaaniin himata yakka malaammaltummaa irra deddeebiin himateera.
Shakkamtoonni kunneen sanada sobaan Qonnaan Bultoota kaafamtoota misoomaa naannawaa Magganaanyaa, Baaroo Kormaa fi Kaaraa’eeloo jechuun Birriin miiliyoonni 58 fi kumni 600 ol beenyaan akka kaffalamuu fi lafa karee meetira kuma1 fi 785 laachuun qabeenya mootummaa fi ummataarra kasaaraa Birrii miiliyoona 33 fi kuma 13 qaqqabsiisuu isaaniin himatamaniiru jedhame.
Himatamtoota keessaa 39 kutaa magaalichaatti ogeeyyii lafaa fi dhimma lafaan walqabatanii ta’uu eerameera.
Himatamtoota keessaa 18 qofti dhaddacharratti argamuun himanni isaanii kan laatameef yoo ta’uu,kan hafan too’annoo jala hin oolle jedhame.
Taarik Addunyaatu gabaase.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.