Fana: At a Speed of Life!

Namoota 90 irratti vaayrasiin koroonaa argamuu Biiroon Fayyaa Oromiyaa beeksise

Finfinnee, Hagayya 5, 2012 (FBC) – Oromiyaatti gabaasa qorannoo sa’aa 24 darbeetiin namoonni dabalataa 90 vaayrasii koroonaatin qabamuu ibsameera.

Gabaasa qorannoo sa’aa 24 darben naannichaatti qorannaa laabraatoorii 1662 hojjetameen namoota 90 irratti vaayrasiin koroonaa argamuu Biiroon Fayyaa Oromiyaa beeksise.

Hanga ammaatti naannichatti qorannaan laabraatoorii namoota 56,923 hojjetameera.

Waliigala hanga ammaatti lakkoofsi namoota vaayrasichaan qabaman 2164 yoo ga’u, yaalarra kan jiran namoota 1481.

Namoonni haaraan 7 ammoo dhibichaarraa kan dandamatan yoo ta’u, waliigala namoonni 657 dandamataniiru.

Namni tokko wallaansa cimaa keessatti argama.

Walumaagalatti vaayrasichaan namoonni lubbuun isaanii darbe 26.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.