Fana: At a Speed of Life!

Namoota 4 ajjeechaa Artiist Haacaaluu Hundeessaan shakkamanirratti himatni baname

Finfinnee, Fulbaana 22, 2013 (FBC) –Namoota 4 ajjeechaa Artiist Haacaaluu Hundeessaan shakkamanirratti himatni baname.

Himaticha Mana Murtii Olaanaa Federaalaa Lidataa ramaddii 1ffaa dhaddachaa yakkaa dhimmoota heeraa mootummaa fi shoroorkeessummaa kan baname yoo ta’u, himatamtoonni dhaddacha dabaree waajjira abbaa seeraatti dhiyaatanii himatni isaan ga’eera.

Ogeesssa waliin mari’achuun himaticha ogeessa dhaggeesisuuf Fulbana 26tti beellamni laatameera.
Shakkamtoonni kunneen 1ffaa Xilaahuun Yaamii, 2ffaa Kabbadaa Gammachuu Magarsaa, 3ffaa Abdii Alamaayyoo Badhaanee, fi 4ffaan Laamiroota Kamaal Mahaammad fa’i.

Namoonni kunneen mana murtii federaalaatti dhiyaataniiru.

Bara 1996 kan bahe heeraa yakkaa FDRI keyyata 32/1 A fi B akka sumaas labsii yakka shoroorkeessumaa ittisuu fi to’achuuf bahe lakkoofa 1176/2012 keeyyata 3/2 kan daangessu darbuun yakkicharratti hirmaachuun himatamaniiru.

Abbaan alangaa miseensi ABO shane hin beekkamne akkasumaas akka hin beekamne baatii Waxabajjii 2012 himatamaa 1ffaan kondominiyeemii Galaanitti argam,uun mootummaan ummata Oromoo hin fayadne kanaaf tokko taanee hojjechuun aangoorraa buusuu qabna, aangoo akka bu’uuf ammoo namoota filatamanirratti tarkaanfii fudhachuu qabna.

Adeemsa tarkaanfii fudhachuu ammoo ni mari’anna jechuun innis qophii ta’ee eeguu, himatamaa 2ffaa fi 3ffaan yaadaa isaa qoodachuu fi waliin hojjechaa akka turan Abbaan Alangaa eereera.

Bu’uuruma kanaan himatamaa 2ffaan dursee bitatee kan ture Shugguxii istaarii rasaasa 5 waliin himatamaa 1ffaatti laatee nama ajjeessaa hanga ajjeesanitti fi ajajni akka hanga laatamufitti eegaa akka turan ibsameera.

Himatamaa 4ffaan miseensa ABO shanee maqaa isaa hin beekamne waliin barbaadamaa gidduudha Artiist Haacaaluu Hundeessaa ta’uu itii himan, Artiisticha wayita agartuu dursitee miseensa ABO shaneef eeruu akka laattuu fi bakka tarkaanfiin itti fudhatamu akka geessitu, ergama itti laatame irratti qophaa’aa akka turte Abbaan Alangaa ereera.

Himatni abbaan alangaa himatamtootaa hundarratti dhiyeesse akka mul’isutti Waxabajjii 22, 2012 guyyaa keessaa 12 irratti Artiistichi bakka beellamatti argamuun himatamaa 4ffaan konkolaataa Artiistichi konkolaachisu gara naannoo kondoominiyaamii Galaanitti kallatti buufata baaburaa Andoodeetti akka fudhatu taasisuun, Gammachuu kan jedhamuu deggartoota isaa waliin himatoonni 1ffaa, 2ffaa, 3ffaa tarkaanfii fudhachuuf bakka jiranii waamuun, konkolaaticha hordofuun kutaa Magaalaa Aqaaqii Qaalittii Aanaa 4 kondoominiyaamii Galaaniitti geessuun himatamaan 4ffaan daandii qarqaratti goree akka dhaabatu gaafachuu abbaan alangaa ereera.

Atiisti Haacaaluun bakka konkolaata isaa daandii qarqara dhaabee jirutti himatamtoonni 1ffaa, 2ffaa, fi 3ffaan bakkicha ga’uun himatamaa 1ffaan gara Artistichaa yoo imalu himatamaa 2ffaan ammoo kara gama gabbiinaan bahee akka hin miliqne yoo hordofu himataa 3ffaan ammoo konkolaata duubaan namni akka hin argine bakkicha akka sonu, shugguxii himatamaa baatee jiruun laphee bitaa dhukaasuun duubaanaa rukuchuu Abbaan Alangaa ereera.

Taariik Addunyaatu gabaase.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.