Fana: At a Speed of Life!

Namoonni Vaayirasii Koroonaan du’an 259 irra ga’e

Finfinnee, Amajjii 23, 2012 (FBC) – Chaayinaatti namoonni dhibee Vaayirasii Koroonaan du’an 259 irra ga’uu Komishiniin Fayyaa Biyyaaleessa Chaayinaa beeksise.
 
Hanga guyyaa har’aatti namoota kuma 11 fi 781 dhibichaan qabaman keessaa namoonni 259 du’uu isaanii Komishiniin Fayyaa Biyyaaleessa Chaayinaa beeksiseera.
 
Chaayinaan alatti biyyoota garagaraatti namoonni 137 dhibee kanaan qabamuun mirkanaa’eera.
 
Namoota Vaayirasii Koroonaan qabaman keessaa namoonni 252 ammoo fayyaniiru.
 
Bara Faranjootaa 2002-2003tti namoota dhibee kanaan qabaman kuma 8 keessaa namoonni 800 du’uu isaanii ragaan biyyattii argame ni agarsiisa.
 
Maddi:- Daily Mail
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.