Fana: At a Speed of Life!

Namoonni talaallii Covid-19 seeraan ala galchaa turan to’ataman

Finfinnee, Hagayya 15, 2013 (FBC) – Namoonni talaallii Covid-19 seeraan ala galchaa turan 3 to’atamuun qorannoon irratti gaggeeffamaa jiraachuu Poolisiin magaalaa Finfinnee beeksiise.

Namoonni kunneen kutaa magaalaa Araadaa aanaa 5 iddoo addaa Dajjaach Wubee jedhamuun waamamutti to’atamuu ibsameera.

Namoonni kunneen qorichoota talaallii Covid-19 garaagaraa walirraa bittaa raawwachuuf wayita waliigalaa jiran to’annoo jala ooluu ibsameera.

Talaalliin kun eessaa hatamee akka dhufe qorannoon irratti gaggeeffamaa jiraachuu ragaan Komishinii Poolisii magaalaa Finfinneerraa argame ni muul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.