Fana: At a Speed of Life!

Namoonni meeshaalee waraanaa fi maallaqa mana keessa dhoksan to’ataman

Finfinnee, Guraandhala 19, 2016 (FBC)-Namoonni meeshaalee waraanaa fi maallaqa mana keessa dhoksuun argaman to’atamuun qorannoon irratti gaggeeffamaa jiraachuu Poolisiin Magaalaa Finfinnee beeksise.

Namoonni meeshaalee waraanaa fi maallaqa mana keessa dhoksuun argaman to’atamuun qorannoon irratti gaggeeffamaa jiraachuu Poolisiin Magaalaa Finfinnee beeksise.

Meeshaaleen waraanaa kunneenis Qawwee SKS rasaasa isaa 30 waliin, kilaashinkoovii 1 fi rasaasaa 72, Shugguxii Kolti fi raasaasaa 8 waliin akkasumaas Birri miiliyoona 1 fi kuma 294 fi 700 akka argame eerameera.

Dabalataan Kutaa Magaalichaa Aanaa 8tti shakkamaa to’annoo jala oolchuun sakattaa’aa taasifameen kilaashinkoovii 1, rasaasa 90 waliin akkasumas shugguxii koltii 2, rasaasa 29 waliin to’annoo jala oolfamuuun eerameera.

Yakka meeshaalee waraanaa fayyadamuun raawwachuuf yaadame dursanii fashaleessuuf odeeffannoo ka’umsa taasifachuun hojii to’annoo taasisuu cimsee kan itti fufu ta’uu ibsuu ragaan Poolisii Magaalichaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.