Fana: At a Speed of Life!

Namoonni karaa seeraan alaa Maallaqa sharafan to’ataman

Finfinnee, Waxabajjii 18, 2015 (FBC) –Magaalaa Finfinneetti namoonni dhuunfaan karaa seeraan alaa Maallaqaa sharafan to’atamuu Poolisiin magaalichaa beeksise.

Namoonni kunneen kutaa magaalaa Boolee aanaa 4 iddoo addaa duba Hoteela Golaagul Awuraaris jedhamutti oppireeshinii taasiifameen to’atamuu ibseera.

Haaluma kanaan Doolaarri Ameerikaa Kumni 8 fi 342,Riyaaliin Saa’udii Kumni 1 fi 872, Dirihaamiin kumni 1 fi 735, Birriin Ityoophiyaa tajaajila kana raawwachiisaa ture kumni 525, akkasumas Maallaqoonni biyyoota garaagaraa mana nama dhuunfaatti to’atamuu ragaan Poolisii magaalaa Finfinneerraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.