Fana: At a Speed of Life!

Namoonni giddugala gabaa kuduraa fi muduraa Laaftoo irratti ibiddaa qabsisuu fi suqoota diiguuf yaalan to’ataman

Finfinnee, Muddee 17, 2013 (FBC)- Namoonni giddugala gabaa kuduraa fi muduraa Laaftoo irratti ibiddaa qabsisuu fi suqoota diiguuf yaalan to’atamaniiru.

Namoonni tajaajila giddugala gabaa kuduraa fi muduraa Laaftoo burjaajjeessun bakkichatti ibidda qabsiisuu fi suqoota diiguuf yaalii taasisaan to’atamaniiru.

Kana duraa sababa vaayrasii koroonaatin bakki gurgurtaa fuduraa fi muduraa Jaanmeedaatti (Urufa Doobbii) akka dabarfamu murtaa’e turuun isaa ni yaadatama.

Jaanmeedaan bakka isaa duriitti deebisuun baatii tokko  kan hin gunnee keessaatti giddugalli gabaa kun ijaaramuu  ragaan Waajjira Seekreetariyaat Preesii magaalaa Finfinneerraa argame ni muul’isa.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.