Namoonni faddaaltoota seeraa alaan karaa Sudaaniin biyyaa ba’uuf turan 51 to’ataman
Finfinnee, Adooleessa 4, 2013 (FBC) – Namoonni dhuunfaan faddaaltoota seeraa alaan karaa Sudaaniin biyyaa ba’uuf turan 51 naannoo Amaaraa godina Lixa Goondar magaalaa Gandaawuhaatti to’atamuu poolisiin beeksiise.
Namoonni dhuunfaan kunneen konkolaataa fe’umsaan imalaa osoo jiranuu too’atamuu itti gaafatamaan Kominiikeeshinii Qajeelcha Poosiisii godinichaa Inispeektar Warqee Caannee ibsaniiru.
Faddaaltoonni namoota kanneen imalchiisaa turan 2 gargaaraa konkolaatichaa waliin to’atamuun qoratamaa jiraachuu himaniiru.
Konkolaachisaan yeroof miliquu isaan hordoffiin taasiifamaa jiraachuu kaasaniiru.
Namoota dhuunfaa 51 faddaaltoota seeraan alaan karaa Sudaan biyyaa ba’uuf imalaa turan keessaa 48 dubartoota ta’uu himaniiru.
Namoonni kunneen Faddaaltootaa fi Geejjibaaf maallaqa kumaatama hedduun lakkaawwaman kaffalluu eerameera.
Maddi:- TOI
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.