Fana: At a Speed of Life!

Namoonni Doolaara ni baayy’ifna jechuun yakka waliindhahuu raawwachaa turan to’ataman

Finfinnee, Caamsaa 25, 2013 (FBC) – Magaalaa Finfinnee kutaa magaalaa Booleetti namoonni dhuunfaan Doolaara ni baayy’ifna jechuun yakka waliindhahuu raawwachaa turan to’atamuu Komishiniin Poolisii Federaalaa beeksiise.
Kutaa magaalaa Boolee aanaa 8 iddoo addaa ‘CMC’ jedhamutti namoonni dhuunfaan Doolaara ni baayy’ifna jechuun jiraattoota naannichaa waliindhahaa turan lammiin Ityoophiyaa fi Kaameeruun Komishinii Poolisii Federaalaa Intalajansii yakkaan to’atamaniiru.
Namoonni kunneen keemikaalootaa fi waraqaa gurraacha Doolaara fakkaatu waliin to’atamuu himameera.
Komishiniin Poolisii Federaalaa eeruu ummataan qaamolee dhuunfaa to’annoo jala oolaan kannirratti qorannoo dabalataa gaggeessaa jiraachuu ragaan komishinicharraa argame ni agarsiisa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo
Waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.