Fana: At a Speed of Life!

Namoonni dhuunfaa humna elektirikaa hatan to’atamuu ibsame

Finfinnee, Bitootessa 8, 2014 (FBC) – Magaalaa Finfinneetti namoonni dhuunfaa 11  osoo humna elektirikaa hatanii argaman  to’atamuun qorannoon irratti gaggeeffamaa jiraachuu Tajaajjilli Elektirikaa Ityoophiyaa beeksise.

Magaalichatti bakka Shiroomeedaa jedhamuun beekamutti giddugala Interpiraayizii fi Maaykiroo Xixiqqaa  keessatti sakattoo tasaa taasifameen shakamtoonni hanna  humna elektirikaa osoo raawwatanii qabamuun qorannoon irratti gaggeeffamaa jiraachuu Tajaajila Elektirikaa magaalichaatti hojii gaggeessaan bulchiinsa inarjii obbo Asnaaqaawu Tsahaay ibsaniiru.

Shakkamtoonni kunneen hanga humna elektirikaa eeyyamameefiin ol osoo fayyadamanii argamuu hojii gaggeessichi eeraniiru.

Shakkamtoonni kunneen waldaa IMXn gurmaa’uun hojii buddeena tolchuurratti kan bobba’an ta’uu dubbataniiru.

Hojii qulqulleessuu hojjetameen humni elektirikaa Kiiloowaattii miiliyoonni 1 fi kumni 65 fi 889.27 Birrii miiliyoona 2 fi kuma dhibba 2 fi kuma 63 fi 948 olitti tilmaamamu hatamuu eeraniiru.

Namni humna elektirikaa hanga eeyyamameefiin ala fayyadamee argame  kamuu  akkaataa labsii Inarjii Ityoophiyaa 810/2006 seeraan kan gaafatamu ta’uu Tajaajila Elektirikaa Magaalichaatti hojii gaggeessaan Tajaajila seeraa obbo Taarikuu Maa’ireguu ibsaniiru.

Hawaasni gocha akka kanaa wayita argu qaamolee nageenyaa, dameewwan dhaabbatichaa naannoosaatti argamuu fi gama bilbila bilisaa 905 odeeffannoo kennuun ga’eesaa akka ba’atu gaafachuu ragaan Tajaajila Elektirikaa Ityoophiyaarraa argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa :-  Haa Misoomsinu,  Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.