Fana: At a Speed of Life!

Namoonni dhuunfa baala sammuu namaa hadoochuu daddabarsuun shakkaman to’annaa jala oolan

Finfinnee, Onkololeessa 10, 2013 (FBC) –Komishiin Poolisii Federaalaa namoota dhuunfa baala sammuu namaa hadoochuu sadarkaa idil addunyaatti hamaa ta’ee daddabarsaa turan to’annaa seeraa jala oolchuu beeksise.

Shakkamtoonni kunneen kaleessa buufata xiyyaaraa idil addunyaa Booleetti to’annaa jala oolaniiru.

Shakkamtoonni kunneen ka’umsa isaanii Biraaziil magaalaa Saa’ooppoloo taasisuun biyyoota garagaraa waliin ga’uuf osoo imalarraa jiranii to’annaa jala oolu damee ittisaa yakkaa komishinii poolisii federaalaattii itti aanaan daayreekatara oppireeshinii to’annaa baala sammuu namaa hadoochuu komaandar Mangist’aab Bayyaana ibsaniira.

Nammoonni to’annaa jala oolan lammiilee Naayijeeriyaa 13 fi lammii Biraaziil 1 dabalatee waliigala namoonni 14 to’annaa seeraa jala olaaniiru.

Shakkamtoonni kunnen Kookeeyiin kiilo giraama 14 Ameerikaa kibbaatti oomishamuu fi sadarkaa idil addunyaatti kan daddabarfamuu waliin to’annaa jala oolaniiru.

Baatiwwan sadan darbaniitti shakkamtoonni 24 to’annaa jala oolan Kookeeyiin kiilo giraama 39 fi Kaanaabiis kiiloo giraamaa 36 to’annaa jala oolu ibsameera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.